Ministirri Muummee FDRI doktar Abiy Ahimad Jigjigaatti daandiiwwan ijaaramuun tajaajilaa kennaan jiran daawwatan

122

Amajjii 17/2014 (TOI)- Ministirri Muummee FDRI doktar Abiy Ahimad naannoo Somaalee magaalaa Jigjigaatti daandiiwwan aspaaltii waggoottan sadeen darban ijaaramuun tajaajilaa kennaa jiran daawwatan.

Ministirri Muummee doktar Abiy Ahimad, pireezdaantii Naannoo Somaalee obbo Musxafee Mahaammad dabalatee hoggantoota hojii mootummaa federaalaa fi naannoo Somaalee waliin ta’uu daandiiwwan aspaaltii Yuunvarsiitii Jigjigaa, ganda 05, Du’aalee akkasumas kanneen biroo daawwataniiru.

Akka gabaasa miidiyaa naannichaatti doktar Abiy Ahimad daawwannaa hojii naannoo Somaaleetti taasisaan xumurun gara Finfinnee deebi’aniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015