"Ayyaanni Cuuphaa rakkoo nageenyaa tokko malee karaa nagaan akka kabajamuuf qophii ga'aan taasiifameera"

59

Amajjii 08/2014(TOI) - Ayyaanni Cuuphaa rakkoo nageenyaa tokko malee karaa nagaan akka kabajamu qophii ga'aan taasiifamuusaa Komishiniin Poolisii magaalaa Finifinnee beeksiiseera.

Ayyaana Cuuphaa karaa nagaan kabajuuf Poolisiin, caasaaleen nageenyaa fi dargaggoonni magaalichaa haala gurmaa'een qophiin taasiifamuu Komishinii Poolisii magaalaaa Finfinneetti Daayireektaarri Qunnamtii ummataa Komaandar Faasikaa Faantaa ibsaniiru.

Kabajni ayyaanichaa karaa nagaan akka xumuramu dargaggoonni naannoo isaanii eeguun, tumsa barame taasiisuu cimsanii itti fufuu akka qaban Komaandar Faasikaan dhaamaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015