Rakkoolee Itoophiyaa hundeerraa furuuf himata hidhamtoota adda kutuun barbaachisaa ta’eera - ENA Afaan Oromoo
Rakkoolee Itoophiyaa hundeerraa furuuf himata hidhamtoota adda kutuun barbaachisaa ta’eera

Amajjii 4/2014 (TOI) - Rakkoolee Itoophiyaa hundeerraa furuuf himata hidhamtoota adda kutuun barbaachisaa ta’ee argamuu Tajaajilli Kominikeeshinii Mootummaa beeksiise.
Ministirri Tajaajila Kominikeeshinii Mootummaa Dooktar Laggasaa Tulluun dhimmoota torbee kanaa ilaalchisee miidiyaaleef ibsa laataniiru.
Mootummaan himata lammiilee hidhaa jiranii adda kutuun biyyattiitti nageenya waaraa buusuuf faayidaa guddaa qabaachuu ni amana jedhan.
Himanni kun adda cituun rakkoolee hawaasummaa, Siyaasaa fi diinagdee biyyattii furuun ijaarsa sirna diimookiraasiif wabii uumuu ta’uu fi birmadummaa Itoophiyaa itti fufsiisuuf shoora olaanaa qabaachuu Dooktar Laggasaan eeraniiru.
Galmee Himannaa obbo Jawaar Mahaammadii fi obbo Iskindir Naggaa adda kutuun ummata isaan duuba jiru hubannoo keessa galchuun ta’uu kaasaniiru.
Marii biyyaalessaa hunda hammate gaggeeffamuufis qooda olaanaa qabaachuu isaa tilmaamama keessa galchuun ta’uu eeraniiru.
Himata namoota galmee Dooktar Dabratsiyoon Gabramikaa’eel jala jiran akka adda citu kan taasiisuun umrii fi fayyaa isaaniin walqabatee ta’uu himaniiru.