Daandiin qilleensa Itoophiyaa gara Laallibalaatti balalii jalqabe. - ENA Afaan Oromoo
Daandiin qilleensa Itoophiyaa gara Laallibalaatti balalii jalqabe.

Mudde, 25/2014(TOI) - Daandiin qilleensa Itoophiyaa gara Laallibalaatti idileen balalii jalqabe.
Tajaajilli Oduu Itoophiyaa akka daandii qillensa Itoophiyaarra odeeffatetti har'a ganama saatii 2:30 irraa jalqabee xayyaarri gara magaalaa Laallibalaatti balalii jalqabaa taasiseera.
Imaaltonni gara Laallibalaatti imaalu barbaadanis karaa odeeffannoo daandii qilleensicha argatan fayyadamuun beellama qabachuu akka danda'an beeksiseera.
Daandiin qilleensa Itoophiyaa Laallibala dabalatee Itoophiyaa keessatti bakkeewwan 20 olitti bufatalee balalii qaba.Sababa Vaayirasii koronaa fi weerara garee shororkeessaa ABUT tiin bakkeewwan galii turizimiirraa harka caalaan argatan midhaman keessaa Laallibalaan tokko.