Lammilee sababaa waraanaa fi Walitti bu'insaan miidhaman deebisanii dhaabuuf bajanni dabalata birrii biiliyoona 5 qopha'eefira.

Mudde, 18/2018(TOI) - Lammilee sababaa waraanaa fi Walitti bu'insaan miidhaman deebisanii dhaabuuf bajanni dabalataa birrii biiliyoona 5 qophaa'ufii Ministirri Maallaqaa Obbo Ahimad Shidee himan.

Koreen hoji raawwachiiftuu Sakireetariyaatii deebisanii dhaabuu Ministeera Maallaqaan durfamu mudde 15 galma walga'uu ministeera Maallaqaatti walga'iisaa jalqabaa taa'eera.

Walga'ii kana irratti obbo Ahimad Shidee akka jedhanitti Ministeera maallaqaan kan qophaa'e bajanni dabalataa birrii biiliyoonni 5 mana maree ministeerotaaf dhihaachuu himanii bajata dabalata kana akkuma Manni maree bakka bu'oota uummataa mirkaneesseen gara hojiitti ni galama jedhaniiru.

Bajata ka'umsaa mootummaan ramaduu malees dabalataan deeggartoota misoomaa keessaayyuu baankii addunyaa irra maallaqaa deebisanii dhaabuuf oolu deeggarsa guddaan ni eegama jedhaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015