Manneen barnoota qabeenyaan isaanii manca'eef Kitaaba walitti qabuun jalqabame.

69

Mudde, 15/2014(TOI) - Sababa waraanattiin manneen barnootaa qabeenyaan isaanii manca'eef sagantaan Kitaabolee walitti qabuu jalqabamera.

Sagatnaan kitaabolee walitti qabuu kun ''Kennaa keenya manneen barnootaa keenya manca'aniif'' mata duree jedhuun jalqabame.

Waldaa dargaggoota Finfinnee, Hiriyyuummaan gaaruumaa fi Mana kitaabaa Jaafar waliin ta'uun sagantaa kana kan qopheessan yoo ta'u bakkeewwan Kitaaboleen itti walitti qabaman hirmaatotaaf eeraniiru.

Kitaabolee kanneen walitti qabuun har'a irraa eegalee haga Amajji 30 tti kan gegeeffamu ta'uu himaniiru.Leenjisaa Asiraat Haiyilee fi barreessaa Zannabaa Walaa ambaasaaddaroota sagantaa kanaa ta'anii filamaniiru.

  • Naannoo kee eegi!
  • Gara adda waraanaatti duuli!
  • Raayyaa Ittisa Biyaa deeggari!
Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015