Magaalaa Finfinneetti Hiriira miidhaa Dubartootaa fi daa'immanirra ga'u balaaleffachuu geggeeffame.

78

Finfinnee, Muddee 10/2014 (TOI) - Dubartoonni magaalaa Finfinnee addabaabayii Masqalaatti hiriira ba'uun miidhaa gareen shororkeessaa ABUT Dubartootaa fi Daa'immanirra ga'aa jiru balaaleffataniiru.

Miidhaan Dubartootaa fi Daa'immanirra ga'u yaa dhaabbatu,dhiibbaa fi giddu seentummaan biyyoota lixa ni ga'a dhaadannoowwan jedhan dhageessisaniiru.

Hiriira kanarratti kan argaman Ministirri Dhimma Dubartootaa fi daa'immanii Dooktar Ergoogee Tasfaayeen ajjeechaa fi yakki dirqisiisaanii gudeeduu garee ABUT'n Dubartootaa fi daa'immanirra gahaa jiru hammeenyummaa gareen kun wayita aangoorra ture raawwataa ture ifatti addunyaaf kan muul'ise jedhan

Wayita ammaa tarkaanfii garee ABUT irratti fudhatamaa jirun injifannoo boonsa argamaa jiraachuu ibsaniiru.

Hoggansa Ministira Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad fi hirmaannaan dubartootaa injifannoo argameef qooda olaanaa qabaachuu ibsan.

  • Naannoo kee eegi!
  • Gara adda waraanaatti duuli!
  • Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggari!
Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015