Gareen shororkeessaa ABUT bakkeewwan weeraraan qabatee turetti bu'uura misoomaa mancaase deebisanii ijaaruun hirmaannaa hundaa barbaachisa.

69

Finfinnee, Mudde, 04/2014(TOI) - Gareen shororkeessaa ABUT bakkeewwan weeraraan qabatee turetti bu'uura misoomaa mancaa'e deebisanii ijaaruuf namni hunduu akka hirmaanna taasisu Tajaajilli Kominikeeshinii Mootummaa waamicha taasise.

Deetan Ministeeraa Tajaajila Kominikeeshinii Mootummaa Salaamawit Kaasaa ibsa kennaniin garichi bakkeewwan weeraraan qabatee turetti bu'uuralee misoomaa hedduu mancaasee kan immoo saameera.

Bu'uralee misoomaa garichi saamee fi mancaase deebisanii ijaaruuf maallaqa biiliyoonaan lakkaa'amu gaafata jedhaniiru.Kana deebisanii ijaaruuf Itoophiyanoonnii fi michuwwaan Itoophiyaa hirmaannaa cimaa akka taasisaan waamicha taasisaniiru.

- Naannoo kee eegi!

- Gara adda waraanaatti duuli!

- Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggari!

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015