Manni Marichaa raayyaa ittisa biyyaaf deeggarsa birrii miiliyoona 5.5 taasise.

59

Sadaasa, 26/2014 (TOI) - Manni maree bulichiinsa magaalaa Finfinnee Raayyaa Ittisa Biyyaaf deeggarsa birrii Miiliyoonaa 5 fi kuma 500 kenne.

Deeggarsi kunis miseensota mana marichaa duraanii baasii Polootokooliif kan kennameef birrii kuma 200, Manneen maree kutaa magaalotaa dhuunfaan birrii miiliyoona 4 fi kuma 500, Miseensota mana maree bulichiinsa magaalaa Finfinnee kan haaraa hundaa'ee dhuunfaan birrii miiliyoona 1 fi kuma 200 kan walitti qabamedha jedhameera.

Manni marichaa raayya ittisa biyyaa birmadummaa biyyaa kabachiisuuf tattaafachaa jiru deeggaruu gara fuula duraattis kan itti fufu ta'uu himeera.

  • Naannoo kee eegi!
  • Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggari!
  • Gara adda waraanaatti duuli!
Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015