Waamicha ministira muummee hordofee Miseensonni garee shororkeessaa TPLF hedduun harka kennachuu ibsame.

29

Sadaasa, 25/2014(TOI) - Waamicha Ministira Muummee FDRI Doktar Abiyyi Ahimad hordofee Miseensonni garee shororkeessaa ABUT hedduun harka kennachaa jiraachuu ibsame.

Doktar Abiyyi erga gara adda waraanaatti duulanii hoggansa kennuu eegalanii as adda waraanaa hundatti injifannoon galmaa’aa humni diinaa bittinaa’aa jira.

Adda waraanaa Gaashanaa, Shawaa, Warra Iluu, Cifraafi kanneen birootti qabsoo Raayyaan Ittisa Biyyaafi qaamoleen nageenyaa biroon taasisaniin magaalonni hedduun garee weeraraa kana jalaa bilisa bahuu danda’aniiru.

Humna diinaarra ammoo kisaaraan namaafi qabeenyaa cimaan ga’eera.

Doktat Abiyyi waraanaa mul’anniifi kaayyoonsaa hin beekamnee gareen Shororkeessichaa baneen dargaggoonni Tigraay akka baalaa harca’aa jiraachuu ibsuunsaanii ni yaadatama.

Haadholiin Tigraayis ijoolleen keenya eessa ga’an jedhanii gaafachuu akka qaban ibsuunsaanii ni yaadatama.

Booji’amtoonni harka laatan osoo hin beekiinifi dirqamanii adda waraanaatti hiriiruu ibsuun, carraa injifatamuu garicha mudateen harka laachuu ibsaniiru.

Miseensonni garee shororkeessaa harka laatan kunneen gocha isaaniitti gaabbuun dhiifama gaafatamaniiru.

Odeeffannoon garichi tamsaasu sobaa ta’uufi injifatamuu ibsaniiru.

Guyyaa booji’amanirraa kaasee deeggarsa taasifamaafii jiruuf Raayyaan Ittisa Biyyaafi hawaasa galateeffataniiru.

Miseensonni garichaa hafanis oduu sobaa garichi gama miidiyaan tamsaasuuf osoo gurra hin kenniin harka akka laatan dhaamsa dabarsaniiru.

  • Naannaawa keessan eegaa!
  • Gara adda waraanaatti duulaa!
  • Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!
Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015