Duulli birmadummaa biyyaa kabachiisuu dooktar Abiy Ahimadiin durfamu bu’aa olaanaa galmeessaa jira jedhame

66

Finfinnee, Sadaasa 21/2014 (TOI) – Duulli birmadummaa biyyaa kabachiisuu ajaja olaanaa Raayyaa ittisa biyyaa Ministira muummee FDRI dooktar Abiy ahimadiin durfamu bu’aa olaanaa galmeessaa jiraachuu Seekreetariyaat Pireesiin Waajjira Ministira muummee beeksise.

Seekreetariyaat Pireesiin Waajjirichaa duula birmadummaa biyyaa kabachiisuu, deeggarsa namoomaa, haala waqtaawaa biyyattii fi dhimmoota walqabatanirratti miidiyaalee biyya alaaf ibsa kenneera.

Ibsicha kan kenna Itti gaafatamtuun Afaanoota alaa fi Diijitaal Miidiyaa Seekreetariyaat Pireesii Waajjira Ministira Muummee Billaneen Siyyuumidha.

Sodaa birmadummaa fi tokkummaa biyyaarratti aggaamame qolachuurratti hojiin hojjetame bu’aa olaanaa galmeessiisu ibsaniiru.

Qaamoleen nageenyaa iddoolee gareen shororkeessaa ABUT to’atee ture gadi dhiisiisaa jiraachuu kaasaniiru.

Dargaggoonni gareen shororkeessaa ABUT dirqisiisee waraanarratti hirmaachisa jiru qaamolee nageenyaa mootummaatti akka harka laatan waamichi dhiyaachuus himaniiru.

Deeggarsi namoomaa gama Komishinii Hoggansa Sodaa Balaan Lammiilee Naannoo Amaaraa, Afaarii fi Tigraayiif dhiyaachaa jiraachuu eeraniiru.

Sababa weerara gareen shororkeessaa ABUT baneen naannoo Amaaraatti lammiileen miiliyoonni 1.1 ol qa’ee fi qabeenya isaanirraa buqqa’uu kaasaniiru.

Naannoo Afaariitti ammoo lammiileen kumni dhibbi 1 ol buqqa’uu himaniiru.

Kutaalee biyyattii hundatti rakkoon nageenyaa akka jiru fakkeessuun ololli ooffamaa jiru shira ta’uu fi gochichi qabatamaan lafarra kan hin jirre ta’uu hubachiisaniiru.

Qaamoleen keessaa fi alaa bu’aa siyaasaa argachuuf birmadummaa biyyaa balaarra buusuuf socho’aa jiran gochicharraa of qusachuu akka qaban akeekkachiisaniiru.

Hawaasni idil addunyaa mootummaa Ityoophiyaa karaa seera qabeessan aangoo qabate waliin hojjechuu akka qaban gaafataniiru.

Diyaaspooraawwan kutaalee addunyaa garaagaraatti argaman dhugaa Ityoophiyaa addunyaatti beeksiisuuf tattaaffii taasiisan cimsanii akka itti fufan waamicha dhiyeessaniiru.

Naannoo keessan eegaa!

Gara adda waraanaatti duulaa!

Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015