Kanneen Garee shororkeessaa ABUT waliin hiriiraan hundi karaa nagaan harka akka laatan Ministirri Muummee FDRI dooktar Abiy Ahimad waamicha dhiyeessan

64

Finfinnee, Sadaasa 21/2014 (TOI) - Garee shororkeessaa ABUT waliin kanneen hiriiraan hundi karaa nagaan harka akka laatan Ministirri muummee FDRI dooktar Abiy Ahimad waamicha dhiyeessaniiru.

Dooktar Abiy Ahimad adda waraanaatti argamuun karoora dhumaarratti erga mari’atanii booda yeroo gabaabaa fi wareegama gadi aanaan injifannoon Itoophiyaa akka mirkanaa’uu qajeelfama laataniiru.

Raayyaan Ittisaa hamilee olaanaarratti kan argamuu fi diinni mo’amaa jiraachuu ibsaniiru.

Kanneen garee shororkeessaa ABUT waliin hiriiraan hundi harka akka laatanii fi maatii Naannoo Tigraay kana booda ijjoollen keenya eessa ga’an jedhanii akka gaafatan Ministirri Muummee FDRI dooktar Abiy Ahimad waamicha dhiyeessaniiru.

Fedhiin Itoophiyaa nageenyaa fi misooma ta’uu eeraniiru.Waraana kanatti kan galle dirqamneet kan jedhan Ministirri muummee dooktar Abiya Ahimad, injifachuun keenya garuu hin oolu jedhaniiru.

- Naannoo keessan eegaa!

- Gara adda waraanaatti duulaa!

- Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015