“Xumura hidhichaa ibsa kennuun osoo hintaane dhiheenyatti ibsaa kennuun misiraachoo himna” -Doktar Injinar Habtaamuu Ittafaa

83

Ijaarsi hidhichaa haala gaariidhaan deemaa jiraachuufi bishaan marsaa lammaffaan waan guutameef dhiheenyatti gara humna maddisiisuutti akka galu Ministeerri Bishaaniifi Inarjii beeksise.

Ministirri ministeerichaa Doktar Injinar Habtaamuu Ittafaa gaafdeebii Kibxata darbe waajjirasaaniitti Gaazexaa Bariisaa wajjin taasisaniin akka jedhanitti, wayita ammaa hojiileen elektiroo makaanikaalii muraasni hafan xumuramaa kan jiru yoo ta’u, akkuma inni dhumeen tajaajila kennuu kan eegalu ta’a. Kunis gaafa akkanaa jedhame ibsama osoo hintaane ibsaa qabsiisuun ummatatti misiraachoo himna.

“Yoo xiqqaate meegaawaatii 600-700tu maddisiifama. Kun rakkoo ibsaa amma jiru furuurra darbee humna dabalataallee ni kenna. Kanarraa kan ka’e dameewwan garagaraatiin carraan hojii babal’achuu danda’a. Kanaaf amma wanti xiyyeeffannaadhaan hojjetamaa jiru tarbaayinoota sana dafanii xumuranii humna akka maddisiisu gochuudha. Cinaasaattimmoo hidhaa ijaaruun ittuma fufa. Sababnisaas waggaa dhufus bokkaan waan roobuuf isa qabachuu danda’uu qabna” jedhu.

“Ijaarsi hidha kanaa akka addunyaatti qorumsa guddaa nutti fidaa jira. Amma waanti addunyaan nutti duulaa jiruuf waan biraaf miti. Humna akkasii akka nuti qabaannu waan hinbarbaanneefi. Addunyaan keessumaa warri inaafan kan barbaadan akka harmootiin keenya qoraan dugdatti baachaa jooraa hafan, ijoolleen keenyas sammuu sanaan akka guddataniifi. Hidhi haaromsaa kunimmoo fedhasaanii kana waan maseensuuftu karaa danda’ameen balaaleeffachaa jiru” jechuun ibsu.

Wayita ammaa ijaarsi hidha haaromsaa akkuma ittifufeetti jiraachuufi boodattis kan hindeebine ta’u eeranii, sababnisaa pirojektii mootummaan kuteenyummaa guddaadhaan gaggeessaa jiru waan ta’eef ummanni shakkii keessa galuu akka hinqabne kaasu.

“Gareen ijaarsaas akkuma kanaan duraatti hojjetaa jira. Rakkoon jiru yeroo bokkaan roobu waan hidhichi guutamuuf dhimmi kun miidiyaarratti daran afarfama. Miidiyaa warra masaanuu keenyaa dabalate jechuudha. Ammammoo bokkaan hinjiru, bishaan guutamuus hinjiru. Amma kan hojjetamaa jiru waa’ee humna kennuuti. Isa kanammoo masaanonni keenya milkaa’ina keenya waan hinbarbaadneef dubbachuu hinbarbaadan. Kanaaf waan dubbiinsaa qabbanaa’e fakkaata” jedhu. @DhPI

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015