''Finfinnee rakkoon nageenyaa homtuu hin jiru waan ta'eef lammileekoo Itoophiyaa hin baasu''

70

Sadaasa, 16/2014 (TOI) Ruusiyaan Finfinnee rakkoon nageenyaa homtuu hin jiru waan ta'eef lammileekoo Itoophiyaa hin baasu jette.

Imbaasiin Ruusiyaa Itoophiyaatti argamu kaleessa akka beeksisetti hojjetoota Imbaasichaa ykn maatii isaanii rakkoon nageenyaa Itoophiyaadha akka bahan isaan dirqisiisu hin jiru jedheera.

Labsiin yeroo ariifachiisaa labsames maagalichatti sochii idileerratti dhiibbaan addaa uume homtuu akka hin jirre Imbaasichi beeksiseera.

Magaalaan Finfinnee haaluma kanaan dura barameen sochiin idilee ni jira. Waanni haaraa homtuu hin jiru.

Imbaasichiis hojii idileesa akkuma kanaan duratti itti fufuu beeksiseera.

Buufanni xayaara idil addunyaa Boolees akkum kanaan dura hojii idileessa hojjechaa akka jirus eerera.

Imbaasichi dabalunis nageenyi balaliiwwan xayaaraa biyyattitti ta'u hunduu kan nageenya amansiisaa qabu kan qabu akka ta'ee Abbaan taayitaa Aviyeeshinii Itoophiyaa ibsuufi himeera.

- Naannoo kee eegi!

- Gara adda waraanaatti duuli!

-Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggari!

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015