Shororkeessichi karaa bahaa dhabee bakka galetti akka barbadaa'u duulli qindaa'an irratti geggeeffama jira.

88

Sadaasa,15/2014 (TOI) - Gareen shororkeessaa ABUT karaa bahaa dhabee bakka galetti akka barbadaa'u duulli qindaa'aan irratti geggeeffama akka jiru Sadarkaa ministiraatti qindeessaa jiddugala ijaarsa dimookiraasi Dooktar Alamuu Simee himan.

Humni diinaa kiyyoo ibdaan marfamee gubachaa jiraachuu himaniiru

Gareen shororkeessaa ABUT naannoo Amahaaraa fi Affaaritti bakka weeraraan qabateetti miidhaa inni geesisaa jiru dhaabsisuu fi garicha dhabamsiisuuf humnoonni nageenyaa duula qindaa'a irratti geggeessa jiru.

Dooktar Alamuu Simee akka himanitti shororkeessitootafi ergamtoota isaanii alaa fi keessaa dhabamsiisuuf hoggansii qindaa'ee hojjechaa jiraachuus himaniiru.

Kanaanis ajajaa olaanaa Raayyaa Ittisa Biyyaa Ministira muummee FDRI dooktar Abiy Ahimad irraa eegalee hoggantoonni olaanoon hunduu gara adda waraanaatti duulu himaniiru.

Gareen shororkeessaa ABUT bakkeewwan weeraree qabatetti akka barbadaa'uuf duulli qindaa'aan irratti geggeeffama jiraachuus himaniiru.

Diinoota keessaa fi alaa Itoophiyaas hoggansa qindaa'aa kanaan yeroo gabaabaa keessatti injifachuun qabsicha ni goolabnas jedhaniiru.

Hoggantoonni olaanoon gara adda waraanaatti duulan bakka raayyaa ittisa biyyaa bu'uuf osoo hin taane uummata qindeessuun gareen shororkeessaa ulaa ittiin miliqu kamiyyuu argatee gara gammoojji Taambeenitti akka hin deebine taasisuudha jedhaniiru dooktar Alamuu Simeen.

  • Naannoo kee eegi

-Gara adda waraanaatti duuli!

-Raayyaa ittisa biyyaa deeggari

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015