Jarman deeggarsa misoomaa kan Itoophiyaaf taasiftu cimsitee itti fufti.

72

Sadaasa, 15/2014 (TOI)- Jarman deeggarsaa misoomaa Itoophiyaaf taasifitu cimsitee kan itti fuftu ta'uu beeksifte.

Ministeera Dinagdee fi deeggarsaa Jarmanitti dubbi himaa kan ta'an Yurgaan Haarit Doocheveletti akka himanitti, walitti bu'insa Itoophiyaa keessatti uumameen kanneen gargaarsa barbaadan akkaan baay'ataniiru.

Kanaaf Ministeerri Dinagdee fi Misoomaa Jarmaan dhaabbilee gargaarsaa fi Gamtaa Awurooppaa waliin ta'uun Itoophiyaatti deeggarsa misoomaaf taasisuu kan itti fufu ta'uu himaniiru.

Mootummaan Jarman Itoophiyaatti hojii misoomaa hojjetamaniif deeggarsa Yuuroo miiliyoona 100 ramaduun isaa ni yaadatama.

Dubbi himichi dabaluunis akka jedhanitti, ''Ammaas kaayyoon keenya Uummata Itoophiyaa haga nuuf danda'ametti sochoonee gargaarudha'' jedhaniiru.Afrikaa fi Jaraman gama Daldaalaa, Investimentiifi dinaagdee dhuunfaan sagantaa walitti hidhuu (Compact with Africa) keessatti Itoophiyaan biyyoota jalqabaa itti fayyadamoo deeggarsa misoomaati.

- Naannoo kee eegi!

- Gara adda waraanaatti duuli!

- Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggari!

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015