Hundeeffaminni Mootummaa Naannoo Ummattoota Kibba Lixa Itoophiyaa bor ni geggeeffama.

94

Finfinnee, Sadaasa 13, 2014(TOI) – Hundeeffaminni Mootummaa Naannoo Ummattoota Kibba Lixa Itoophiyaa bor magaalaa Boongaatti ni geggeeffama.

Magaalaan Boongaas sirna kanarratti keessommoota hirmaatan simachaa jirti.Daandiwwaan magaalichaa har'a alaabaa Itoophiyaan fayaamaniiru.

Jiraattoonni magaalichaas keessummoota magaalicha dhufan haala o'aan simachuuf qophiirra jiru.

Sirna bor geggeeffamu irratti Hundeeffamni mootumma naannichaani geggeeffama, Heera naannicharratti murtoon ni kennama, Af- yaa'ii fi itti aanaa Af-yaa'iin ni flatama, Pireezidantiin naannichaa ni muudama,akkasuma labsiiwwan adda addaa ni murteeffamu jedhameera.

Alaabaan naannichaas bor ifatti ni beeksifama jedhameera.

Godinaalee Lixa Oomoo, Beenchiishakkoo, Kafaa, Daawuroo, Shakkoo akkasuma aanaa aadda Kontaa keessa uummatoonni jiraatan Fulbaana 20/2014 murtoo uummataa geggeeffameen naannoo ta'anii hunda'uuf sagalee isaan dandeessisu argachuun isaanii ni yaadatama.

Kana hordofuunis bor Itoophiyaatti naannoon 11ffaa ni hundaa'a. Sirna hundeeffama mootummaa naannoo Uummattoota Kibba Lixa Itoophiyaa kana irratti hoggantoonnii mootumma Federaala fi naannolee ni argamu jedhamee eegama.

- Naannoo kee eegi!

- Gara adda waraanaatti duuli!

- Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggari!

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015