Bara kana haga ammaatti lafa heekatara miiliyoona 3.3 irraa oomishinii walitti qabameera.

118

Sadaasa, 13/2014 (TOI) - Bara (2013/140 lafa qonnaa oomishinni irratti oomishame miiliyoona 12 keessaa haga ammaatti lafa heektara 3.3 irraa oomishinnnii walitti qabamuu Tajaajilli Kominikeeshinii mootummaa beeksiseera.

Baatiiwwan arfan darban irraa Damee Manufaakichariinigii irraa galiin doolara miiliyoona 157. 4 argamuus beeksiseera. Kunis akkata karoora qabameen harka 92 raawwatameera jedhaniiru.

Deetan ministira Tajaajila Kominikeeshinii mootummaa Salaamawit Kaasaa akka ibsa kennaniin himanitti, lafa qonnaa bara kana oomishinni irratti oomishamee heektara miiliyoona 12 irraa oomisha kumtaalaa miiliyoona 374. 5 walitti qabuuf hojjetamaa jira.

Haga ammaatti lafa heektara miiliyoona 3.3 irraa oomisha kumtaala miiliyoona 74 walitti qabameera jedhaniiru.

Hojii oomisha walitti qabuu kanarratti Kompaayinaroonni 1200 tajaajila kenna jiraachus himaniiru.

Bona kana lafa heekatara kuma 400 irratti jallisii bonaan Qamadii oomishuuf karoorfamee gara hojiitti galameera jedhaniiru.

Lafa jallisii bonaan Qamadiin irratti oomishamu kanarras Qamadii Kumtaala miiliyoona 16 argachuuf hojjetama akka jiru himaniiru.

Gaba daldala alaa ergii Itoophiyaa caalaatti babaali'isuuf hojjetamaa akka jirus himaniiru.

Kanaanis biyyoota aardii Eshiyaa,Hindi, Chaayinaa, Jaappaniifi Turkiitti gabaan barbaadamaa jiraachuu dubbataniiru.

Ibsa isaaniin sadarkaa addunyaatti magaaloota 25 oli keessaatti Itoophiyanonnii fi firoonni Itoophiyaa dhiibba alaa Itoophiyaarra gahaa jiru mormuun hiriira bahaniiru.

Hojii Diyaaspooran Itoophiyaa dhugaa Itoophiyaa Addunyaa hubachiisuuf gochaa jiran dinqisiifataniiru.

Naannoo kee eegi!

Gara adda waraanaatti duuli!

Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggari!

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015