Ministirri Bishaanii fi Inarjii Dr. Injiinar Habtaamuu Ittafaa ambaasaaddara Israa’el waliin mari’ata

58

Sadaasa 03/ 2014(TOI) - Ministirri Bishaanii fi Inarjii Dr. Injiinar Habtaamuu Ittafaa ambaasaaddara Israa’el Allalinyi Admaasuu waliin mari’achuu isaanii ministeerri Bishaanii fi Inarjii beeksise.

Ministirri Bishaanii fi Inarjii Dr. Injiinar Habtaamuu Ittafaa ambaasaaddara Israa’el Allalinyi Admaasuu dameewwan bishaanii , teeknooloojii, misooma annisaa fi eegumsa naannoo irratti muuxannoo walii hiruu fi waliin hojjechuuf waliigaluun isaanii eerameera.

Haaluma kanaan Itoophiyaan duula ashaaraa magariisaan biyyattii magariisa uwwisuuf hojjetaa jirtuun hawaasni idil-addunyaa akka beekuuf waliin hojjechuuf haala danda’amurratti mari’ataniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015