Godinalee Oromoyaa bakkoo adda addaatti hiriirri mormii ABUT fi Shanee gaggeeffamaa jira

98

Finfiinnee, Onkololeessa 27/2014 (TOI)- Godinalee Oromoyaa bakkoo adda addaatti hiriirri mormii ABUT fi Shanee gaggeeffamaa jira

Jiraattonni, hojjetaan mootumaa akkasumas kutaan hawaasa garagaraa aanaa Bulee Horaa, Bulchiinsa Magaalaa Bulee Horaa fi Godina Gujii Lixaa hiriira mormii Magaalaa Bulee Horaatti gaggeessaa jiru.

Jiraattonni godina Arsii Lixaas hiriira balaaleffannaa murna ABUT fi Shanee gaggeessaa jiru.

Hawaasni aanaalee godinichaa 13 fi bulchiinsa magaalaa lama keessaa walitti bahan magaalaa Nageellee Arsiitti walgahuudhaan hiriira balaaleffannaa ABUT fi shanee akkasumas deeggarsa raayyaa ittisa biyyaatiif qaban mullisaa jiru.

Hiriira kanarratti dhaadannoowwan mormii garee shororkeessaa ABUT fi Shanee balaaleffatan dhaggeessifamaa jira.

Naannoo keessaan eegaa!

Gara adda waraanaatti duulaa!

Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!

Maddi: OBN

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015