Chaayinaan talaallii vaayrasii koroonaa doozii kuma dhibba 8 Itoophiyaaf laatte

72

Finfinnee, Onkololeessa 14/2014 (TOI) - Mootummaan Chaayinaa talaallii vaayrasii koronaa doozii kuma dhibba 8 deeggarsaan Itoophiyaaf kennuu ishee ibsameera.

Itoophiyaatti Ambaasaaddarri Chaayinaa Zhao Zhiyuan talaalicha Ministira Fayyaa Dooktar Liyaa Taaddasaatti dabarsanii kennaniiru.

Talaalicha lammiileen hundi fudhachuun miidhaa vaayrasiin koronaa qaqqabsiisuun hir'isuun barbaachisaa ta'uu Dooktar Liyaan dhaamaniiru.

Talaalliin har'a buufata xiyyaara idil addunyaa Booleetti walharkaa fuudhinsi taasiifame 'Siinoofarm’ kan jedhamudha jedhameera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015