Diinagdee Maakroo Tasgabbaa’aa uumuun rakkoo hojii dhabdummaa hiikuuf ni hojjetama jedhame

62

Finfinnee, Onkololeessa 12/2014 (TOI) – Itoophiyaatti Diinagdee Maakroo tasgabbaa’aa uumuun rakkoo hojii dhabdummaa fi qaala’iinsa jireenyaa hiikuuf kan hojjetamu ta’uu Ministirri Hojii fi Kalaqaa Aadde Mufariyaat Kamiil ibsan.

Hoggansii fi hojjettoonni Ministeera Hojii fi Kalaqaa hojiilee yeroo itti aanaan hojjetamanirratti xiyyeeffachuun mari’ataniiru.

Itoophiyaatti Diinagdee Maakroo tasgabbaa’aa uumuun rakkoo hojii dhabdummaa fi qaala’iinsa jireenyaa hiikuuf kan hojjetamu ta’uu Aadde Mufariyaat Kamiil ibsaniiru.

Dameewwaan Diinagdee, Hawaasummaa fi Siyaasaan jijjiirrama qabatamaa fiduuf kan hojjetamu ta’uu kaasaaniiru.

Keessattuu rakkoo hojii dhabdummaa hiikuuf xiyyeeffannoon kan hojjetamu ta’uu dubbataniiru.

Lammileen dandeettii qabaniin naannoo biyyattii kamiiyyuutti hojjechuun bu’aa qabeessa akka ta’an ni taasiifama jedhan.

Ityoophiyaatti beekkumsii fi kalaqni dorgomaa akka ta’uuf humna namaa bu’aa qabeessa ta’e oomishuun toora xiyyeeffannoo olaanaa ta’uu eeraniiru.

Rakkoo qaala’iinsa jireenyaa furuuf hojimaata haaraan qaamolee dhimmi ilaallatu waliin qindoominaan kan hojjetamu ta’uu himaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015