Gareen shororkeessaa ABUT abdii kutachuun wantoota arge hunda barbadeessaa jira

68

Onkololessa 12/2014(TOI) ‘’ Garee shororkeessaa ABUT sababa abdii kutateef wantoota arge hundumaa barbadeessaa jira’’ jechuun bulchaan naannoo Affaar obbo Awwal Arbaa dubbatan.

Obbo Awwal shororkeessichi naannolee Affaarii fi Amaaraatti lammiilee nagaa ajjeesuu, buqqaasuu, qabeenya saamuu fi barbadeessuu isaa yaadataniiru.

‘’Gareen kun qabeenya mootummaa caalaa qabeenya namoota dhuunfaa saamaa kan jiru garee balaafamaa dha’’ jechuun hubachiisaniiru.

Gargaaramuu malee saamamuun kan irra hin jirre qabeenya maanguddoota humna dhabeeyyii fi qaama hir’uu utuu hin hafiin saamaa kan jiru namoomarraa kan fagaate dha jedhan.

Garee shororkeessaan kun kan duriirra hammaachuun wantoota arge hundumaa barbadeessuun isaa waan abdii kutateef dha jedhan obbo Awwal.

Tokkoo tokkoon Itiyoophiyaanotaa gareen kun bineensa hamaa ta’uusaa hubatee garichaa dhabamsiisuuf sochii taasifamu keessatti adda duree ta’uu akka qabu himaniiru.

‘’Tigiraay guddoo uumuuf Itiyoophiyaan diigamuu qabdi’’ jechuun gareen ka’e kanaaf Itiyoophiyaa balaaf akka saaxiluu uummanni Affaar hin eeyyamuuf jedhan obbo Awwal.

Irree tokkummaa ummata Arraafiin shororkeessicharra kisaaraan ga’aa jira jechuun ibsaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015