Yuunvarsiitii Jimmaa fi Yuunvarsiitiiwwan Indooneezhiyaa gidduutti hariiroo barnootaa uumuuf ni hojjetama jedhame

81

Finfinnee, Onkololeessa 11/2014 (TOI)- Yuunvarsiitii Jimmaa fi Yuunvarsiitiiwwan Indooneezhiyaa gidduutti hariiroo barnootaa uumuuf kan hojjetamu ta’uu Ambaasaaddarri Indooneezhiyaa Al Busiiraa Baasnuur ibsan.

Ambaasaaddarichi Komishinii Tuurizimii Oromiyaa waliin ta’uun Yuunvarsiitii Jimmaa daawwataniiru.

Haaluma kanaan Kolleejjii Qonnaa Yuunvarsiitichaa, giddugala qorannoo qonnaa Eelaa Daalee, Inistiitiyuutii Fayyaa fi Inistiitiyuutii Teeknooloojii Yuunvarsiitichaa daawwataniiru.

Kaayyoon daawwannichaa Yuunvarsiitii Jimmaa fi Yuunvarsiitiiwwan Indooneezhiyaa gidduutti hariiroo barnootaa uumuuf akka ta’e Ambaasaaddar Al Busiiraa Baasnuur himaniiru.

Yuunvarsiitiin Jimmaa Yuunvarsiitiiwwan biyya alaa waliin hojjechuuf karoora baay’ee kan qabu ta’uu Preezdaantiin Yuunvarsiitichaa Dooktar Jamaal Abbaa Fiixaa ibsaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015