Hojiileen Misooma Qonnaa Naannoo Oromiyaatti hojjetamaa jiru kaka'umsa olaanaa nutti uume - Pireezdaantota Naannolee - ENA Afaan Oromoo
Hojiileen Misooma Qonnaa Naannoo Oromiyaatti hojjetamaa jiru kaka'umsa olaanaa nutti uume - Pireezdaantota Naannolee
63
Finfinnee, Onkololeessa 4/2014(TOI) - Hojiileen Misooma Qonnaa Naannoo Oromiyaatti hojjetamaa jiru kaka'umsa olaanaa nutti uume jedhan Pireezdaantoonni Naannolee daawwannaa oomisha Kilaasteraa daawwachaa jiran.
Pireezdantiin Mootummaa Naannoo Somaalee obbo Musxafee Mahaammad Umar ,Pireezdaantiin Naannoo Hararii obbo Oordiin Badrii fi Pireezdaantiin Naannoo Gaambeellaa obbo Umood Ujuluu daawwannaa kanarraa muuxannoo guddaa argachuu ibsuu isaanii OBN gabaaseera.