Rakkoolee Itoophiyaa muudatan gara carraatti jijjiiruun hojii olaanaa muudamtoota haaraa ta’uu qaba- Ogeeyyii Artii fi miidiyaalee

82

Finfinnee, Fulbaana 3, 2014 (TOI) - Wayita ammaa rakkoolee Itoophiyaa muudatan gara carraatti jijjiiruun hojii olaanaa muudamtoota haaraa ta’uu akka qabu ogeeyyiin aartii fi miidiyaalee ibsan.

Itoophiyaan seenaashee keessatti kan jalqabaa jedhamee eeramuu kan danda’amu filannoo dimokiraasii fi nagaa qabeessa gaggeessuun mootummaa uummata biratti fudhatamummaa qabu hundeessuushee ibsameera.

Adeemsa mootummaa hundeessuu keessattis kana dura bifa hin baratamneen Hoggantoota Paartilee Siyaasaa Morkattootaa bakka olaanaa argachuunsaanii adeemsa jijjiiramaa Itoophiyaan eegalte yeroo gabaabaa keessatti milkeessuuf gumaacha kan qabu ta’uus dubbataniiru.

Ministiroonni haaraa muudaman nageenyaa fi tasgabbii Itoophiyaa haala gaariin mirkaneessuun hojiisaanii isa olaanaa ta’uu akka qabu Pireezdaantiin Waldaa Hojjettoota Filmii Itoophiyaa Artist Dassaaleny Hayiluu himaniiru.

Tokkummaa Itioophiyaa eegsiisuun birmadumman ishee kan kabajamee fi biyya eenyuufuu kan hin jilbeeffanne ijaaruu irrattis xiyyeeffannoon hojjechuu akka qaban himaniiru.

Daariktarri Olaanaa Itti aanaa Abbaa Taayitaa Miidiyaalee obbo Yoonaataan Tasfaayee gamsaaniin, adeemsa jijjiiramaa Itoophiyaa keessatti eegalame rakkoolee garaagaraan yoo marfame iyyuu milkaa’inni galmaa’aa jiraachuu ibsaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015