Dhaabbileen qaamoolee misooma bu’uuraafi maddeen odeeffannoo to’atan irratti qorannoo gahuumsa ogummaafi naamusaa akka taasisaniif Ejensiin Tajaajila Nageenya Odeeffannoo hubachiise.

74

Fulbaana 28/2014 (TOI) - Dhaabbileen qaamoolee misooma bu’uuraafi maddeen odeeffannoo to’atan irratti qorannoo gahuumsa ogummaafi naamusaa akka taasisaniif Ejensiin Tajaajila Nageenya Odeeffannoo hubachiise.

Ejensichi dhimma nageenyummaa misooma bu’uuraafi maddeen odeeffannoo ilaalchisee ibsa kenneera. Ibsa kenneenis Itoophiyaan hojii seera kabachiisuu fi duula birmadummaan walqabatee akkasumas dhimmoota naannoo fi idil- addunyaa hordofee hojjechaa jirtu danquuf diinonni ishee gama saayibariin balaa garagaraa qaqqabsiisuuf socho’aa turaniis milka’uufi hin dandeenye jedheera.

Diinonni Itoophiyaa fi Uummata ishee alaa fi keessaan karaa saayberii bu’uuraalee misoomaa fi dhaabbilee odeeffannoo irratti haleellaa raawwachuuf yaalii cimaa taasisaa kan jiran ta’uun ibsameera.

Dhaabbilee mootummaas ta’e miti mootummaa Siistamoota akkasumas itti fayyadamaa fi bulchiinsa miidiyaa hawaasa irratti of eeggannoo cimaa taasisuu akka qaban akeekkachiisuufi qaamoolee misooma bu’uuraafi maddeen odeeffannoo to’atan irratti qorannoo gahuumsa ogummaafi naamusaa akka taasisaniif Ejansichi hubachiseera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015