Manni maree cimaan bulchiinsa gaarii, itti gaafatamummaa fi kabajamuu mirga lammiileef kan itti mirkanaa'udha -Pirezidaant Saahilewarq

56

Fulbaana 24/2014(TOI) Manni maree bakka bu'oota uummataa cimaan bulchiinsa gaarii,itti gaafatamummaa fi kabajamuu mirga lammiileef isa olaanaadha jedhan Pirezidaanit Saahilewarq Zawudee ibsan.Piredaant Saahilewarq sirna hundeeffama motummaa haaraatiin sagantaa baninsa mana maree federeeshinii fi bakka bu’oota uummataarratti dubbii taasisaniiru.

Saahilewarq yeroo kana akka ibsanitti ‘’yeroon keessa jirru raawwii boqonnaa tokkoo fi boqonaa abdii waan ta’ee yeroo kana adda taasisa’’ jedhaniiru.

Itoophiya diiguuf tattaaffii hedduun taasifamus tokkummaa Itoophiyaa tiksuuf garuu Itoophiyaatti gatiin guddaa kanfalaumuu kan himan Pireezidaanit Saayileewariq, tokkummaa biyyaa tiksuuf kanneen gatii guddaa kanfalanii Rayyaaa Ittisa Biyyaa fi Uummata Itoophiyaaf galata guddatuu malaafi jedhaniiru.

“ Itoophiyaan sirna bakka bu'ummaa uummataan muuxannoo waggaa 90 qabdi. Bakka bu'ummaan Uummataa dhageetti kanneen bakka buufataniin'' jedhaniiru.

Manni maree bakka bu'oota uummata bakka fedhiin baruu itti dhimma bahamuu ta'uun caalaatti, dhimmoonni adda addaa dursanii hojjechuu fi raawwachuuf kan gargaarudha jedhaniiru.

“ Mana maree cimaa bulchiinsa gaariif, sirna Ittigafatamummaa qabu diriirsuuf, akkasuma mirga lammilee eeguni wabii guddadha'' jedhaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015