Filannoon Marsaa 6ffaa Bulchiinsaa Mootummaa Naannoo Hararitti har'a ganamarra eegalee haara si'ataa ta'een geggeeffamaa jira.

74

Finfinnee,Fulbaana 20/2014(TOI) - Filannoon Marsaa 6ffaa Bulchiinsaa Mootummaa Naannoo Hararitti har'a ganamarra eegalee haara si'ataa ta'een geggeeffamaa jira.

Filannichi karaa tasgabbii fi nagaa qabeessaa ta'een geggeeffamaa jiraachuu pireezidaantiin Naannoo Hararii obbo Ordiin Badirii miidiyaaleetti himaniiru.

Pireezidaanti Ordiin sagalee filannoo isaanii buufata filannoo Addaa Jugolitti argamuun kennaniiru.

Pireezidaantii Itti aantuun Naannoo Hararii aadde Misiraa Abdallaafi Itti gaafatamaan paartii Badhaadhinaa naannichaa Abduljabbaar Muhaammad buufata filannoo Abookaritti sagalee isaanii kennaniiru.

Filannoon naannichatti gaggeeffamaa jiru karaa nagaahaafi dimokiraatawaa ta'een gaggeeffamaa jiraachuu dubbatan.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015