Jilli aadde Adaanachiin durfamu Afaar Samaraa gale

79

Finfinnee, Fulbaana 5/2014 (TOI) – Jilli Itti aantuu Kaantibaa Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanach Abeebeen durfamu Afaar magaalaa Samaraa galeera.Jilichi wayita magaalaa Samaraa ga’uu Pireezdantii Naannoo Afaar obbo Awwal Aarbaa dabalatee hoggantoota olaanaa mootummaa naannichaan simannaan taasiifameefira.

Jilli Aadde Adaanachiin durfamu kun turtii Samaraatti taasiisuun dhimmota waqtaawaa fi deeggarsa lammiilee qa’ee fi qabeenya isaanirraa buqqa’aniif taasiifamu ilaalchisee hoggantoota naannichaa waliin marii ni taasiisaan eeggama.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015