Gochaan badii gareen shororkeessaan ABUT Itoophiyaarratti raawwatee Itoophiyaanoonni caalaatti akka tokkummaa isaanii cimsaan taasiseera -Dooktar Abiy Ahimad

71

Finfinnee, 29/2013 (TOI)-Gochaan badii gareen shororkeessaan ABUT Itoophiyaarratti raawwatee Itoophiyaanoonni daangaa hanga daangatti caalaatti akka tokkummaa isaanii cimsaan taasiseera jedhan ministirri muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad.

Doktar Abiyyi, Ministeera Raayyaa Ittisa Biyyaatti Giddugalli Leenjii Huursoo loltoota marsaa 3faf leenjisaa ture eebbisiiserratti argamuun haasaa taasisaniin, gootonni Itoophiyaa dhaadannoo “Biyyikoo hin tuqamin” jechuun duulan injifannoo boonsaa galmeesisaa jiru jedhan.

Gootummaan isiin ittiin onnaattanii kaatanii jirtanis Itoophiyaa ni ceesisa jedhaniiru.

Itoophiyaan yoom iyyuu gadameessii ishee gootota birmadummaa ishee tiskaan horachuu hin dhaabu jedhaniiru.

Tokkuumaan waggoota soddomman darbaa argamee hin beekne kan amma biyya balarra baruuf argame kun Itoophiyaa gara Badhaadhinaatti ceesufis ooluu qaba jedhaniiru.

Eebbifamtoonni har’a kunneenis tokkummaafi birmadummaa biyyaa eeguuf miseensa raayyaa ittisaa ta’uuf murteessuunsaanii kan nama boonsudha jedhaniiru.

Itaamajor Shuumiin Raayyaa Ittisa Biyyaa Janaraal Biraanuu Juulaa gamasaaniin, gootni raayyaa ittisa biyyaa humna shororkeessaarratti injifannoo guddaa galeesisaa jira jedhaniiru.

Eebbifamtoonni humna shororkeessaafi gantuu kana barbadeessuuf miseensa raayyaa ittisaatti makamtan murtoon keessaan kan biyya boonsudha jedhaniiru.

Gidduugalli leenjii kun bara 1979 kan hundaae yoo ta’u, hanga ammaatti miseensota raayyaa ittisaa gootota birmadummaa biyyaa kabachiisan horachaa jira.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015