Itoophiyaan Eeritraaf biqiltuu ergite

83

Finfinnee, Hagayya 27/2013 (TOI) – Itoophiyaan haaluma biqiltuu biyyoota ollaaf laachuuf waadaa galteen marsaa jalqabaan Eeritraaf erguu ishee Koreen Teeknikaa sagantaa Ashaaraa magariisaa ibseera.

Akka biyyatti biqiltuu biiliyoona 6 dhaabuuf karoorfamee raawwatamaa tureera.

Karoorri Sagantaa Ashaaraa magariisaa bara kana haala gaariirratti kan aragamu ta’uu Qindeessan korichaa Dooktar Adfaris Warquun ibsaniiru.

Naannolee biyyattii rakkooleen nageenyaa muudatanitti karoorri dhaabbii biqiltuu haala barbaaddameen kan hin milkoofne ta’uu kaasaniiru.

Keessattuu Naannoo Tigraay, Amaaraa fi Afaaritti karoorri ashaaraa magariisaa duubatti hafuu kaasaniiru.

Karoorri Itoophiyaan biqiltuu biiliyoona 1 biyyoota ollaaf laachuuf karoorfatte haala gaarirra jiraachuu eeraniiru.

Biyyoonni murtaa’an hamma fedhii biqiltuu fi yeroo dhaabbii karaa Qoonsilaawwan Itoophiyaan odeeffannoo ergaa jiraachuu dubbataniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015