Dooktar Abiy Ahimad bu’aa dabalataa Olompiikii Tookiyoorratti argameef erga baga gammaddanii dabarsaan - ENA Afaan Oromoo
Dooktar Abiy Ahimad bu’aa dabalataa Olompiikii Tookiyoorratti argameef erga baga gammaddanii dabarsaan

Finfinnee, Adooleessa 26/2013 (TOI)-Ministirri muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad Olompikii Tookiyoo irratti Ityoophiyaan fiigicha gufachiisaa meetira 3000 warra dhiiraatiin Lammeechaa Girmaatiin medaaliyaa meetii, akkasumas fiigicha meetira 5000 warra dubaraatiin Gudaaf Tsaggaayeetiin medaaliyaa Naahasaa argachuusheetiin baga gammaddaan jedhaniiru.
Dooktar Abiy fuula Feesbuukiisaaniirratti akka ibsanitti, Itoophiyaan carraaqqii ilmaansheetiin oljettee mul'achuu itti fufti jedhan.