Obbo Dammaqaa Mokoonniin Maartiin Giraaftiis waliin mari’atan

80

Finfinnee, Adooleessa 23/2013 (TOI)- Itti aanaan Ministiraa muummee fi Ministirri Dhimma Alaa obbo Dammaqaa Makoonniin Dhaabbata Mootummoota Gamtoomaniitti itti aanaan barreessaa dhimmoota namoomaa fi qindeessaa deeggarsa yeroo aariifachiisaa Maartiin Giraaftiis wajjiin mari’ataniiru.

Mariisaaniin dhaabbatichi bara Faranjootaa 1984 irra eegalee Ityoophiyaatti deeggarsa namoomaa fi qophii yeroo balaa fi deebiirratti dandeettin ishee akka cimuuf hojii bu’aa qabeessaa taasiseef obbo Dammaqaan galateeffataniiru.

Yaa ta’uu malee duula olaantummaa seeraa naannoo Tigraayitti gaggeeffamee hordofee sadarkaa waajjira olaanaattis ta’ee gama waajjira bakka buutoota biyyaa keessaan sadarkaa barbaadamuun deeggarsi akka hin taasifamnee eerraniiru.

Haala naannoo Tigraayiin wal qabsiisee gabaasoota fi ibsoota amanamummaa hin qabne dhiyeessuu dhaabbatichi gochaa raawwataa tureef Mootummaan Ityoophiyaan gadduusaa himaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015