Gareen ABUT Konkolaattoota deeggarsa namoomaaf daandii akka banu Dhaabbileen idil addunyaa dhiibbaa taasiisuu qabu jedhame

61

Finfinnee, Adooleessa 20/2013 (TOI) – Gareen ABUT Konkolaattoota deeggarsa namoomaaf daandii akka banu Dhaabbileen idil addunyaa dhiibbaa taasiisuu akka qaban Qulqulleessi Ragaa Haala Yeroo beeksiise.

Mootumman deeggarsi namoomaa sirnaan akka qaqqabu tarkaanfii dhukaasa dhaabuu gamtokkee taasiisuus qocholaan garee ABUT itti fufuu beeksiiseera.

Mootummaan Kuusaawwan naannoo Tigraayii keessatti argaman keessatti deeggarsa midhaan nyaataa kuntaala kuma dhibba 4 fi Zayita Liitira miiliyoona 2.5 kaa’uu Qulqulleessi Ragaa Haala Yeroo ifoomseera.

Nageenyi lammiilee naannoo Tigraay mootummaa yaachisaa jiraachuu ibseera.

Konkolaattoota deeggarsa namoomaa dhaabbilee Idile addunyaa naannoo Tigraayif dhiyeessaa jiraniif garichi daandii akka banu dhaabbilen idil addunyaa dhiibbaa taasiisaa akka qaban Fuula Miidiyaa hawaasummaa isaan ibseera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015