Itoophiyaatti agarsiifni qorannoo Intelajansii Artiifishaalii jalqabaa magaalaa

79

Finfinneetti baname.Finfinnee,Ebla 7/2013(TOI) - Itoophiyaatti agarsiifni qorannoo Intelajansii Artiifishaalii jalqabaa magaalaa Finfinneetti baname.

Agarsiisa qorannoo qophaa’e kanarratti hoggantoonni mootummaa damichatti dhiyeenya qabaniifi qorattoonni dhaabbilee olaanoo hirmaataniiru.

Agarsiisni Intelajansii Artiifishaalii kun mata duree ‘Intelajansii Artiifishaalii hundaaf’ jedhuun guyyoota 10niif itti fufiinsan Hoteela Intarkonetiineentaalitti gaggeeffama.

Intelajansiin Artiifishaalii damee hundaaf barbaachisaa ta’us hanga danda’ame waliin ga’uuf hojjetamaa jiraachuu Daayireektarri olaanaan giddugalichaa Injinar Warquu Gaachaanaan ibsaniiru.

Afaanota biyya keessaa hawaasa idil -addunyaa biraan ga’uuf Afaan Oromoo, Afaan Amaaraa, Afaan Somaalee fi Afaan Tigiree hojiin mashinicha waliin walbarsiisuu hojjetamaa jiraachuu ibsaniiru.

Dinagdee diijitaalaa ijaaruuf giddugalli Intelajansii Artiifishaalii qooda olaanaa qabaachuu Ministirri Innooveeshinii fi Teeknooloojii Dooktar Abrahaam Balaay ibsaniiru.

Giddugalichi sadarkaa biyyaatti qorannoo Intelajansii Artiifishaalii fi giddugala misoomaa hundeessuun hojii kuufama daataa Diijitaalaa gurmeessuu hojjetaa jira jedhan.

11

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015