Waldorgommiin Shaampiyoonaa Atileetiksii Kilaboota Oromiyaa 11ffaan Magaalaa Naqamteetti eegaleera.

Finfinnee, Bitootessa, 8/2013(TOI)-Waldorgommiin Shaampiyoonaa Atileetiksii Kilaboota Oromiyaa 11ffaan Magaalaa Naqamteetti eegaleera.

Waldorgommiin Sháampiyoonaa Atileetiksii kileeboota Oromiyaa marsaa 11ffaan guyyoota 6f turuufi kileeboota Naannichaa 17 hirmaachisu dirree Istaadiyoomii Wallaggaa Magaalaa Naqamteetti argamutti eegaleera.

Kaayyoon waldorgommii kanaas Atileetoota ciccimoo naannicha bakka bu'uudhaan waldorgommii Shaampiyoonaa Atileetiksii Itiyophiyaa marsaa 50ffaa geggeeffamurratti hirmaatan filachuuf yaadameeti jedhan, Federeshinii Atileetiksii Oromiyaatti Ogeettiin teekinikaa Aadde Almaaz Tafarii.

Dorgommichis Karaa tattamsa'ina dhibee Koronaa ofirraa ittisaa dorgommii addaan citee ture itti fufsiisuun danda'amuun qaamonni dorgomicharratti hirmaatan hundi Sakatta'iinsa Covid 19 akka taasisuu taasifamuu kan himan Aadde Almaaz dorgomicharrattis Atileetoonni 500 ol kan hirmaatan ta'uu dubbataniiru.

Tumsa hawaasaafi bulchiinsi Magaalichaa taasisaa jiruufis galata qaban dabarsaniiru. Qindeessaan dorgommii Atileetksii Kileeboota Oromiyaa 11ffaa Instiraakteer Shimallis Daawiit gamasaaniitiin dorgommichi dirree dorgommii mijaawaa Istaadiyoomii Wallaggaa qabutti akka adeemsifamuuf qophiin gahaa taasifamuu himanii milkaa'inasaafis isporteesitoonni Ambaasaadar nageenyaa ta'uusaanii dubbataniiru.

Istaadiyoomii Wallaggaa Dorgommiiwwan walfaakkataa biroo fi jaallattoota ispoortii hundaaf carraa guddaa uumuu danda'utti gargaaramuuf qaamonni hundi dhimma xiyyeffannoon hojjechuu qaban ta'uus dhaamaniiru.

Guyyaa jalqabaattis Dorgommiiwwan fiigichaa xumuraa meetira kuma 10 dhiiraa kan adeemsifame yammuu ta'uu dorgommiiwwan figicha gulaallii marsaa jalqabaafi 2ffaa meetira kuma 3, meetira 800fi 400 akkasumas fiigicha meetira 100 dhiiraafi dubaraan kan geggefame yammuu ta'uu dorgommiiwwan utaalchoo oliifi darbannaa eeboo dhiiraafi dubaraas adeemsifamaaniiru.

Guyyoottan Shanan hafaniittis dorgommiiwwan gulaalliifi xumura garaa garaa kan geggeeffaman ta'uu Sagantaa baherraa hubachuun danda'ameera.

OBN gabaase

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015