Itoophiyaa fi Baankiin addunyaa waliigaltee deeggarsaa birrii biiliyoona 5.5 ykn Doolaara miiliyoona 137.35 guyyaa har’aa mallatteessaniiru.

68

Finfinnee, Bitootessa 1/2013 (TOI) – Itoophiyaa fi Baankiin addunyaa waliigaltee deeggarsaa birrii biiliyoona 5.5 ykn Doolaara miiliyoona 137.35 guyyaa har’aa mallatteessaniiru.

Waliigaltichi gama dhaabbata idil addunyaa deeggarsa barnootaa jedhamuun taasiifameera.

Doolaarri miiliyoona 14.85 miidhaa weerara vaayrasii koroonaan damee barnootarra qaqqabeef deebii laachuuf kan oolu ta’uu ibsameera.

Maallaqa waliigaltee kanaan argame keessaa Doolaarri miiliyoonni 122.5 uwwisa barnootaa waliin ga’uuf kan oolu jedhame.

Waliigalticha Ministir Deettaan Ministeera Maallaqaa aadde Yaasihiin Wahabraabii fi Itoophiyaatti daayreektarri Baankii Addunyaa Usmaanee Diiyoon mallatteessaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015