"Itiyoophiyummaan Miidiyaa hawaasaa qofaan kan ibsamu osoo hin taane seenaadhaafi uummata yeroo kamuu jiraatuuf dhaabbachuudha"-PMNO Obbo Shimallis Abdiisaa.

68

Finfinnee,Gurraandhala 30/ 2013(TOI)- "Itiyoophiyummaan Miidiyaa hawaasaa qofaan kan ibsamu osoo hin taane seenaadhaafi uummata yeroo kamuu jiraatuuf dhaabbachuudha"-PMNO Obbo Shimallis Abdiisaa.

Jilli Pireezidaantii Mootummaa naannoo Oromiyaa,Obbo Shimallis Abdiisaan durfamu Pirezedaantoota Naannolee Gaambeellaafi Beenishaangul Gumuuzi waliin ta'uun uummata naannoo Tigiraayiif deeggarsa Birrii miiliyoona 200fi miiliyoona 80 ol kenne.

Jilli kun akka naannoo Oromiyaatti Birrii miiliyoona 200, sanyii filatamaa kuntaala kuma shan, midhaan nyaataa kuntaala 10,386, qoricha wal'aansaa Birrii 57,026,200 fi konkolaataa ambulaansii shan deeggarsaan uummata naannoo Tigiraayiif gumaacheera.

Uummata Naannoo Tigiraay bakka bu'uun deeggarsa kana kan fuudhatan Hojii Gaggeessaan Olaanaa Bulchiinsa yeroo naannoo Tigiraay Dr. Muluu Naggaa deeggarsa kennameef galateeffachuun dursummaan Naannoon Oromiyaa hojii deeggarsaa karaa Abbootii Gadaa fi Haadholii Siiqqeedhaan kanaan dura gumaachan eeraniiru.

OBNtu gabaase.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015