Dubartoonni adeemsa filannoorratti hirmaatan hasawaa jibbinsaafi miidhaa korniyaa bu’uura godhateef akka hin saaxilamne ittisuun akka barbaachisu komiishiinin mirgoota namoomaa Itiyoophiyaa beeksise. - ENA Afaan Oromoo
Dubartoonni adeemsa filannoorratti hirmaatan hasawaa jibbinsaafi miidhaa korniyaa bu’uura godhateef akka hin saaxilamne ittisuun akka barbaachisu komiishiinin mirgoota namoomaa Itiyoophiyaa beeksise.
Finfinnee Gurraandhala 29/2013(TOI)- Dubartoonni adeemsa filannoorratti hirmaatan hasawaa jibbinsaafi miidhaa korniyaa bu’uura godhateef akka hin saaxilamne ittisuun akka barbaachisu komiishiinin mirgoota namoomaa Itiyoophiyaa beeksise.
Komiishiinin mirgoota namoomaa Itiyoophiyaa dubartoonni adeemsa filannoo bara kanaarratti hirmaatan hasawaa jibbinsaafi miidhaa korniyaa bu’uura godhateef akka hin saaxilamneef qaamni dhimmi ilaallatu hunduu akka ittisaniif waamicha dhiyyesseera.
Komishiinichi dhaabbata biyyoota Gamtoomaniitti dhaabbata walqixxummaa sirna koorniyaa fi gahoomsa dubartootaa waliin ta’uun Itiyoophiyaatti waqtii filannootti miidhawwan dubartootarra gahanirratti Sadarkaa Federaalaa,Finfinneetti,Naannoo Oromiyaa,Amaaraafi Somaaleetti qorannoo qorachuu himeera.
Qorannoon kunis dubartootarraa miidhaan garagaraa akka qaqqabuu agarsiseera jedha komiishiinichi.
Keesumaa dubartoonni kaadhimamtoonni paartiilee siyaasaa daran miidhaaf saaxilamoo akka ta’an beeksiseera.