Birrii miiliyoona dhibba 3 fi miiliyoona 87 kan ijaarrame Piroojektiin raabsaa fi daddabarsa humnaa ibsaa Balas Jaawwii eebbifameera.

Finfinnee, Gurraandhala 29, 2013 (TOI) – Birrii miiliyoona dhibba 3 fi miiliyoona 87 kan ijaarrame Piroojektiin raabsaa fi daddabarsa humnaa ibsaa Balas Jaawwii eebbifameera.

Piroojektiin humna Elektirikaa raabsuu fi daddabarsu kun Kiiloo Meetira 61 kan uwwisu ta’uu ibsameera.

Baasiin guutuun ijaarsa proojektichaa mootummaa federaalaan uwwifamuu himameera.

Sirna eebbichaarratti Preezdaantii naannoo Amaaraa obbo Aganyahu Tashaagar dabalatee hoggantoonni olaanoon mootummaa federaalaa fi naannoo argamaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015