Imaltoonni Xayyaara kufee caccabe keessa turan hundi lubbuunsaanii darbeera

Finfinnee Bitootessa 1/2011 Imaltoonni Xayyaara guyyaa har'aa kufee caccabe keessa turan hundi lubbuunsaanii darbuun ibsame.

Xayyaarri daandii qilleensaa Itoophiyaa lakkoofsa balallii ET 302 kan ta'e booyiingi 737 Finfinnee irraa ka'ee gara Naayiroobii Keeniyaa deemaa  ture godina Shawaa bahaa aanaa Gimbichuuttii kan kufe yoo ta'u, imaltoota biyyoota 33 lakkoofsisaanii 149 fi  keessummeessitoota saddet  qabatee ture.

Xayyaara kana keessa kan turan keessaa 32 lammii Keeniyaa yoo ta'an, 17 Itoophiyaanota, kanneen hafan ammoo lammiilee biyyoota biroo akka ta'an daandiin qilleensaa Itoophiyaa tajaajila oduu Itoophiyaatiif beeksiseera.

Balaan kun kan qaqqabe har'a ganama buufata xiyyaaraa idil addunyaa Booleerraa ka'ee daqiiqaa 6 keessatti ta'uunsaa kan ibsame yoo ta'u, sababni balaa kanaa amma ammaatti hin beekamne.

Balaa kanaan lubbuun namoota hundaa kan darbe yoo ta'u, waajjirri ministira muummichaa balaa kanaan gadda itti dhaga'ame ibsuudhaan maatii fi firoota kanneen lubbuunsaanii darbeetiif jajjabina hawwaniiru.

Akkasumas pirezidaantiin Keeniyaa Uhuuruu Keeniyaataa gadda itti dhaga'ame ibsuudhaan maatii kanneen lubbuusaanii dhabaniif jajjabina hawwaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015