Paarkii dawoo Arba Baabbilee rakkoo isa mudatu irraa eeguuf karaa danda'amu irratti Magaalaa Jijjigaatti mari'atamaa jira.

90

Finfinnee, Gurraandhala 18/2013(TOI)- Paarkii dawoo Arba Baabbilee rakkoo isa mudatu irraa eeguuf karaa danda'amu irratti Magaalaa Jijjigaatti mari'atamaa jira.

Paarkiin dawoo Arba Baabbilee Paarkii naannoo Oromiyaa Sumaaleetti argamudha.Marii kanaan dawoo Arbaa kanaa fi Arboota achii keessaatti daheeffamanii jiran eguu fi kunuunsuu karaa danda'amuu irratti mariin baal'an ni taasifama jedhamera.

Marii kanaan boodas naannoleen lamaan bu'aa marii kanarra argameen haala eegumsaa fi kunuunsa dawoo Arbaa kanarratti waliigaltee ni mallatteessu jedhamee eegama.

Marii kana irratti Ministira muummee Duraanii Obbo Hayilamaariyaam Dassaaleny, sadarkaa Itti aanaa Preezdaantiitti qindeessaan kilaastera Hawaasummaa naannoo Oromiyaa obbo Addisuu Araggaa pireezdaantii naannoo Somaalee obbo Musxafee Mahaammad,Dareektaraa olaanaa Eegumsaa fi misoomaa bineesoota Bosonaa Itoophiyaa obbo Kumalaa Waaqjiraa dabalatee hoggantoonnii biroon hirmaachaa jiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015