Sagantaan Sirna beekkamtii fi Eebba kitaaba seenaa doktara kabajaa Artisti Alii Birraa hoteela Iskaayi Laayititti har'a gaggeeffameera

108

Finfinnee,30/2013(TOI)- Sagantaan Sirna beekkamtii fi Eebba kitaaba seenaa doktara kabajaa Artisti Alii Birraa hoteela Iskaayi Laayititti har'a gaggeeffameera.

Sirna beekkaamtii laachuu kanarratti hooggantoonni hojii olaanoo mootummaa naannoo Oromiyaa fi federaalaa argamaniiru.

Dr. Kabajaa Aartiisti Alii Birraa Weellisaa, qindeessaa Muuziqaa fi waloo sirbootati.

Hojii aartii Oromoof aarsaa guddaa kan kafale Aliin, biyya keessaa fi alatti ogummaa jaalatu guddisee sabasaa beeksisuu fi onnachiisuuf hojiilee hedduu hojjeteera.

Waggoota 50 ol aartii keessatti dabarseen quuqqaa, roorroo fi hammeenya Oromoorra ga'aa ture weellisee carraa fi abdii fuulduraa jiru sabasaatti himeera.

Artiisit Alii Birraan sirboota Afaan Oromootiin alattti afaanoota Somaalee, Affaar, Hararii fi Amaariffaan akkasumas afaan Sudaaniin sirbuun saboonni caalaatti akka wal baran shooraa olaanaa bahataniiru

Olmaa inni guddina Artii Oromoof oole kana ilaalchisuun Mootummaan Naannoo Oromiyaa Niishaanii Olaanaa naannicha doktara kabajaa artiisti Alii Birraa kennera.

Nishaanii kanaas sirna beekamtii kunnuu artiisti Alii Birraaf qophaa'e irratti kan keennaniuf pireezidaantii naannoo Oromiyaa Obbo Shimalliis Abdiisaati.

Pirezidaanti Shimaliis haasa sirnicharratti taasisaniin Aliin yeroo rakkoo keessatti qabsaa’uun ifa har’a Oromoon argeef nama gumaache jedhan.

Hojii Alii keessa Afaan Oromoo guddisuun Oromoo guddisuu akka ta’e raaguun isaa yeroo har’aa Afaan Oromoo bakka inni gaheef ragaadhas jedhaniru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015