Piriimiyeer Liigii Ingilaandiin Maanchistar Siitiin yoo injifatu Shaampiyooniin dorgomichaa Liivarpuul mo’ameera.

Finfinnee,Amajjii 27,2013(TOI)-Piriimiyeer Liigii Ingilaandiin Maanchistar Siitiin yoo injifatu Shaampiyooniin dorgomichaa Liivarpuul mo’ameera.

Dirree isaatiin ala Barnilee waliin kan taphate Maanchistar Siitiin goolii 2-0’n injifachuun taphni tokko osoo isa hafuu liigicha garaagarummaa qabxii 3'n dursuu eegaleera.

Gabriel Hesas daqiiqaa 3ffaa Rahim Sterling daqiiqaa 38ffaaratti goolii injifannoo Maanchistar Siitii galchuun, kilabichi taphoota 13 walitti aansuun injifannoon itti fufeera.

Bara 2002'tti Arsenaal erga seenaa kana hojjateen booda Siitiin kilaba jalqabaa taphoota 13’n walitti aansee injifate ta’eera.Shaampiyooniin dorgomichaa Liivarpuul Anfildi Rooditti Biraayitan and Hove Albiyooniin mo’ameera.

Lammiin Kolombiyaa Steven Alzate daqiiqaa 56ffaaratti goolii injfannoo Biraayiten galcheera. Kilabiin isaanii taphicha injifachuuf xiinsamuunis ta’e qaamaan qophii miti jechuun Kiloop garee isaanii qeeqaniiru.

Lestar Siitinis dirree isaatiin ala goolii 2-0 Fulham mo’ateera. Kelechi Iheanacho fi James Justin goolii injifannoo isaanii galchaniiru.Westham UTD dirree isaatiin ala goolii 3-1 Aston Viilaa mo’ateera.

Jese Lingard tapha isaa jalqabaatiin goolii 2 galcheera. Evartanis 2-1 Liidsi UTD mo’ateera. Siitiin qabxii 47’n dursaa jira. Maanchester Yuunaayitid 44’n itti aana.

Torbee 22ffaan Liiigichaa har’as itti fufuun tapha tokkoo yoo keessummessu darbii Londaniin-Tootinhaam Hotspars-Cheelsii simata.

Madda:-BBC Sport

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015