Eejansiin Nageenya Infoormeeshinii fi Koorporeeshinii Baankii lafaa fi Misooma Federaalaa waliin hojjechuu waliigalan - ENA Afaan Oromoo
Eejansiin Nageenya Infoormeeshinii fi Koorporeeshinii Baankii lafaa fi Misooma Federaalaa waliin hojjechuu waliigalan

Finfinnee, Amajjii 20/2013 (TOI ) – Eejansiin Nageenya Infoormeeshinii fi Koorporeeshiniin Baankii lafaa fi Misooma Federaalaa waliigaltee waliin hojjechuu isaan dandeesisu mallatteessaniiru.
Kayoon ijoon walii galtichaa bu'ura misoomaa koorporeeshiichaa gara sirna dijitalawwaatti jijjiruu, karoora duraa misoomaa saayiberii qopheessufi nageenya odeeffannoo eegu kan of keessatti hammatedha.
Daayreektarri olaanaa eejansichaa Dooktar Shuumatee Gizaaw wayita waliigaltichaa lafti qabeenyaa olaanaa ta’uun odeeffannoo qabeenya kana qixa sirriin fayyadamuu fi olkaa’uun biyyaaf faayidaa qabaachuu himaniiru.
Daayreektarri olaanaa Koorporeeshinii Baankii lafaa fi Misooma Federaalaa Leensaa Mokonnin gama isaaniin qabeenya olaanaa kan ta’e odeeffannoo dhimma lafaa waliin walqabate qabachuun biyyi keenya raawwachaa kan jirtu hojiiwwan bu’uuralee misooma irratti bu’aa qabaachuu ibsaniiru.