Kutaaleen hawaasaa kuma dhibba tokko kan itti hirmaatan torbeen teekiniikaa fi ogummaa guutuu magaalaa Roobii dhufu jalqaba

87

Finfinnee Guraandhala 25/2011 Kutaaleen hawaasaa kuma dhibba tokko kan itti hirmaatan torbeen teekiniikaa fi ogummaa guutuu magaalaa Roobii dhufuu eegalee Finfinneetti ni adeemsifama.

Mata duree " guddina industirii keenyaaf teekiniikaaf ogummaan filannoo keenya" jedhuun" Guraandhala 27 amma Bitootessa 1 bara 2011tti akka adeemsifamu biiroon teekiniikaaf ogummaa barnootaa fi leenjii Finfinnee ibsa har'a kenneen ibseera.

tti gaafatamaan biiroo kanaa obbo Nigaatuu Daanyaachoo akka ibsanitti, kaayyoon torbeen teekiniikaa fi ogummaa yeroo 9ffaaf adeemsifamu kanaa tarsiimoo teekinikaaf ogummaa hojiirra oolchuudhaan teekinooloojota dhaabbileerraa cehumsa taasisaniif akkasumas intarpiraayizoota deeggarsa ekisteenshinii industiriitiin  bu'a qabeessa ta'an oomishasaanii beeksisuudha.

Gara fuulduraattis intarpiraayizoonnii cehuu danda'an teekinooloojiiwwan kuma tokkoo ol akka dhiheessan ibsanii, isaanis qonnaa, gogaa fi bu'aawwan gogaa sibiilonni teekinooloojiiwwan dhihaatan keessatti argamu.

Tajaajiloota damee kanaan kennamaa jiran qaamolee dhimmi ilaaluuf beeksisuudhaan qindoominaan hojjechuun akka danda'amu haala mijeessuu, waa'ee tarsiimoo teekiniikaa fi ogummaa hubannaa hawaasaa guddisuu, karaa addaddaa damee kanaan carraa hojii uumuu, cehumsa teekinooloojii akkasumas gama misooma humna namaatiin hojiiwwan hojjetaman beeksisuun kaayyoo torbee kanaati.

Akka ibsa obbo Nigaatuutti, damee teekiniikaa fi ogummaatiin hojiiwwan amma ammaatti hojjetaman, bu'aawwan argamanii fi dhimmoota fuulduraaf hojjetamuu qabanirratti kan mari'atuu fi hirmaattonni 300 kan itti wal argan mariin paanaalii Guraandhala 28 bara 2011 ni adeemsifama.

Odeeffannoon biiroo kanarraa argame akka eeretti torbee teekiniikaa fi ogummaa kanarratti dhaabbilee leenjii teekiniikaa fi ogummaa mootummaarraa 30, dhuunfaarraa 80 kan hirmaatan yoo ta'u, intarpiraayizoonni moodala ta'an 600 ol sagantaa kanarratti ni hirmaatu.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015