Imbaasiin Itoophiyaa sababaa hanqina bajataatiin Kongoo Kinchaasaadhaa bara 1980 cufamee ture deebi'ee ni banama jedhame.

77

Amajji, 19/2013(TOI)Imbaasiin Itoophiyaa sababaa hanqina bajataatiin Kinchaasaadhaa bara 1980 cufamee ture deebi'ee ni banama jedhame.

Pirezidaantii FDRI Saayileewarq Zawudee dawwannaa hojiif yeroo gara Ripaabilikaa dimookiratawwaa Kongoo dhaqaanitti pirezidanti Falikiis Cheesekedii waliin dhimmoota waloo, kan naannoo fi kan ardii ilaalchisee waan adda addaa irratti maryataniru.

Marichaanis walitti dhufeenya biyyoota lamaanii kan waggaa hedduu lakkoofsisee caalaatti karaa cimsuun danda'amu irrattis maryataniiru.

Pirezidaantii Saayileewaq Zawudeen akka jedhaniitti Itoophiyaan Imbaasii ishee kanaan dura Kinchaasaadhaa cufamee ture deebistee banuuf murteessuu himaniru.

Imbaasiin Itoophiyaa Kinchaasaatti akka lakkoofsa awuurooppaatti bara 1962 kan baname yoo ta'u bara 1980 immoo sababaa hanqina bajataatiin cufamera.

Biyyoonni lameen kallatti hojii Aviiyeshiiniin walitti dhufeenya kan qaban yoo ta'uu daandiin qilleensa Itoophiyaa magaaloota Ripaabilikaa dimookiratawwaa Kongoo kanneen akka Magaalaa Kinchaasaa, Lubumbaasii fi Gommaatti ni balali'a

Pireezidanti Falikiis Cheesekediin torbee dhufu aangoo pirezidantummaa gamtaa afrikaa pireezidantii Afrikaa Kibbaa irraa ni fudhatu.

Kanaafis marii dhimma afirkaa afrkaan jedhuun waliigaltee dhimma hidha guddichaa irrattis Itoophiyaa, Sudaanii fi Gibtsi geggeessa jiranis gara isaanitti ni darba.

Dabalataanis Pireezidantii Saayileewarq Zawudeen hojii mootummaan olaantummaa seeraa kabachiisuuf naannoo Tigiraayitti fudhatee fi hojii deebisaanii naannicha dhaabuuf hojjetamaa jiru ilaalchisees ibsaa akka keennaan waajjirri Pireezidantii beeksiseera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015