Boordiin Filannoo Biyyaalessaa Paartilee siyaasa galmee isaanii seeraan xumuraan mallattoo Paartii isaanii bakka bu’uu akka galchaan dhaame.

80

Finfinnee,Amaajjii 12,2013(TOI)-Boordiin Filannoo Biyyaalessaa Paartilee siyaasa galmee isaanii seeraan xumuraan mallattoo Paartii isaanii bakka bu’uu akka galchaan dhaame.

Paartileen siyaasa kunis mallattoo paartii keenya bakka bu’aa jedhan Amaajjii 13 hanga Amaajjii 18 bara 2013 gidduutti galchuu qabu jedheera Boordiichi.

Haaluma kanaanis Boordiichi Paartileen siyaasa mallattoo isaanii haala kamiin filachuu akka qaban ifoomseera.

Inni jalqabaa Boordiin filannoo biyyaalessaa mallattoo garaa garaa qopheessee jira kanaaf paartileen siyaasa mallattoo bakka isaan bu’uu filachuu danda’uu jedheera.

Akkasumas Filannoon filataanis paartii isaanii kan wal qabatee ta’uu qaba jedheera boordiichi.Kan lammataa Paartileen mallattoo mataa isaanii dhiyeeffatanis ulaagaa guutuu qabanis ifoomseera.

Haaluma kanaan mallattoo isaanii Maxxansuun galmeef qabatanii dhiyaachuu akka qabaniifi mallattoo isaanii kan ibsu mallattoo dijitaalaa Fiilaashiin dhiyeessuu qabu jedhameera.

Kan bira Mallattoon isaanii halluu gurraachaafi Adiin kan qophaa’e ta’uu qaba.

Boordiichis mallattoo paartileen siyaasa dhiyeesaan ilaaluun Amaajjii 18 hanga 24 murtoo akka kennamu ifoomseera.Mallattoon paartileen siyaaasa dhiyeesan kun namoota dhuunfaan dorgoomaan hin ilaallatu jedheera Boordichi.Boordii Filannoo Biyyaalessaa irraa odeeffaanne.


Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015