Ayyaanni Cuuphaa bu’uura waloofi tokkummaa keenyaa waan ta’eef eeguun barbaachisaadha"- Paatriyaarikii Mana Amantaa Ortodoksii Tawaahidoo Itoophiyaa, Qulqulluu Abuna Maatiyaas

122

Finfinnee,Amajji 11,2013(TOI)- "Ayyaanni Cuuphaa bu’uura waloofi tokkummaa keenyaa waan ta’eef eeguun barbaachisaadha"- Paatriyaarikii Mana Amantaa Ortodoksii Tawaahidoo Itoophiyaa, Qulqulluu Abuna Maatiyaas

Abbootiin darban ayyaana Cuuphaa yoo kabajan walitti dhufeenya hawaasummaa akkaata cimsuun walsirreessaa,araara buusaa,dhiifama walii gochaa,waliin nyaachaa,jaalala walii qabaachaa walumagalatti tokkummaafi waliin ta’insaa akkaata cimsuun kabajaa waan turaniif ayyaanicha jaalatamaafi si’ominaan akka eegamu godheera jedhan.

Ayyaanichi hunda kan hirmaachiseefi gammachuu,kabajaafi jaalalan waan kabajamuuf adda isa taasisas jedhaniiru.

Dhaloonnis duudhaa hawasummaa amantiirraa madde kana kununsuufi sirnaan itti fayyadamuu barbaachisas jedhaniiru.

Ayyanichi gama diinagdeetiin damee tuuristiitirratti gahee mataasa akka bahaatuuf haalota mijeessuun mootummaa, manni amantichaafi ummanni hojii qindoominaa hojjachuu barbaachisas jedhaniiru.

Waajjirri Kaantibaa magaalattis ayyaanichi iddoo itti kabajamuu kennuurraa darbee iddicha qulqulleessuuniifi sirreessuun ayyaanichi bifa ho’aan akka kabajamuu waan godheef galateffataniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015